Welcome to Nifas Silk Lafto Subcity Peace and Security Office!       እንኳን ወደ ንፋስ ስልክ ላፍቶ ክ/ከተማ የሰላምና ጸጥታ አስተዳደር ጽ/ቤት በሰላም መጡ!       ጽ/ቤቱ ክ/ከተማችን በህዝብ ተሳትፎና ባለቤትነት ሰላምና ጸጥታ የሰፈነባት፤ የህግ የበላይነት የተረጋገጠባት ለኑሮ፣ ለስራ እና ለመዝናኛ ተመራጭ እንድትሆን ይተጋል!
image
image
image
image
image

"Biyya Abbootiin keenya aarsaan nuuf tursiisan cichoominaan dhalootaaf nidabarsina" hirmaattota marii paanaalii

መስከረም 5, 2018
Biyya Abbootiin keenya aarsaa baay'een nuuf tursiisan Cichoominaan dhalootaaf nidabarsina jechuun hirmaattotni marii paanaalii Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo himan. Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Lasftootti Qaammee1 guyyaa cichoominaa" bu'uura cimaa biyya jabduuf" dhaadannoo jedhuun mariin paanaalii geggeeffame. Guyyaa kanas miseensotni qaamoleen nageenyaa garaagaraa,abbootiin amantaa,Jaarsoliin biyyaa akkasumas kutaaleen hawaasaa garaa garaa argamaniiru. Marii paanaalii geggeeffameenis sanada dhiyaate ka'umsa godhachuun waliigaltee biyyaalessaa uumuu Marii paanaalii kana irratti sanada dhiyaate bu’uura godhachuun hirmaattonni kun dhimmoota waliigaltee biyyaalessaa yeroo waliin deemu uumuu fi biyya abbootiin keenya aarsaan asiin gahan cichoominaan dhaloota dhufuuf darbuu akkaataa itti dandeessisu irratti hirmaattonni xiyyeeffataniiru. Ityoophiyaan dhiigaa fi lafee abbootii ishee irratti ijaaramte sadarkaa ol’aanaa irratti ijaaramtee tokkummaa fi hamilee ijaarsa Hidha Haaromsaa keessatti mul’ate daran cimuu akka qabdu ibsameera. Waltajjicharratti ergaa kan dabarsan Itti Gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi Tasgabbii BKutaa Magaalichaa Obbo Darajjee Dirribsaa, Bu’uura cimaa yoo qabaanne, biyya cimtuu ni qabaanna akkasumas biyya walirkaa fudhinsa dhalootaan asgeesse itti fufsiisuu qabna jedhaniiru. Obbo Darajjeen itti dabaluudhaan biyyi keenya aarsaa guddaa dhiigaan bahe ta'uu ibsanii, bu'uura jabaa irratti ijaaruuf cichuu qabna jedhan. Kutaa Magaalichaatti Itti Aanaan Komishinaraa Komishinar Shimellis Shiferaaw toophiyaan biyya waggootan darban bu’aa ba’ii hedduu keessa darbitee cimtee turte ta'uu ibsanii, dhaloonni kun seenaa kana itti fufuu qaba” jedhan. Gootummaan karaa ammayyaa ta'een of guddisuu fi ergama nuuf kenname keessatti bu'aa galmaan gahuu akka ta'e eeranii, Hojiiwwan gama hundaan hojjetaman hunda gahumsaan raawwachuu qabna jedhaniiru.

መልዕክትዎን ይላኩ